Ayyaanni Waggaa Qullubbii Gabreelii kabajamaa jira

Finfinnee, Mudde 19, 2018 (FMC)- Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Ayyaanichi bakka hordoftoonni amantichaa argamanitti kara duudhaa amantaa isaa eeggateen kabajamaa jiraachuun ibsameera.

Ayyaanicha kabajuuf hordoftoonni Amantichaa biyyoota Addunyaa garaagaraa fi kutaalee biyyattii keessaa bakkichatti argamuun eerameera.

Haaluma walfakkaatun Ayyaanni waggaa qulqulluu Gabre’eelii Hawaasaas sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni namoota ayyaanicha kabajuuf garasitti imalaniif simannaa taasisaa jru.

Bulchiinsi magaalaa Hawaasaa Ayyaannichi haala ho’aan kabajame akak xumuramuuf qophii gahaa taasisuun ibsameera.

Ayyaanni waggaa qulqulluu Gabri’eel hordoftoota Mana Amantaa Ortodoksiitti Muddee 19 haala ho’aa ta’een ni kabajama.

Tasfaayee Hayiluu fi Birhaanuu Bagaashawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment