Ayyaanni yaadannoo dhalachuu Yeesuus Kiristoos hordoftoota amantii Kiristaanaa biratti kabajamaa jira

Finfinnee, Mudde 29, 2018(FMC) – Ayyaanni dhalachuu Yeesuus Kiristoos hordoftoota amantii Kiristaanaa biyya keenyaatiin kabajamaa jira.

Jalbultii ayaanichaa irratti faarfannaan kumaatamaa mana amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaan dhiyaate ayyaanichaaf miidhagina addaa kenneera.

Guyyaa har’aas hordoftoonni mana amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa, amantoonni mana amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaa fi amantoonni Wangeelaa manneen amantaa Piroteestaantii akkaataa barsiifata manneen amantaa isaaniitti sagantaa garaagaraan kabajatu.

Hariiroo hawaasummaa jabeessuu fi kennaadhaan kan beekamu ayyaana kana sadarkaa addunyaatti Itiyoophiyaa dabalatee Raashaa, Sarbiyaa, Joorjiyaa fi biyyoonni adda addaa har’a kabajatu.

Abbootiin Amantaas Ayyaanicha ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, Amantoonni ayyaanicha yoo kabajatan nagaa waaraaf jabeessanii kadhachuun, akkasumas lammiilee sababa garaagaraan hanqinni nyaataa, uffataa fi mana jireenyaa isaan mudate deggeruu fi gargaaruun kabajuu akka qaban hubachiisun isaanii kan yaadatamuu dha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment