Ayyaanni yaadannoo injifannoo Adwaa 130ffaan Ajaja Giddugaleessaa Daaloolitti kabajame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2018 (FMC) – Ayyaanni yaadannoo injifannoo Adwaa 130ffaan Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajaja Giddugaleessaa Daaloolitti kabajameera.

Ajajaa Itti aanaan Ajajichaa Meejer Jeneraal Mulaatuu Jalduu wayita kana injifannoon Adwaa injifannoo Itiyoophiyaan dhiiga ijoollee isheen gonfatte ta’uu ibsan.

Dhaloonni ammaa ijaarsa biyyaa eegale cimsee itti fufuu akka qabu hubachiisanii, tattaaffiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dabaan dhabde irra deebiin akka argattuuf taasifamu kan deeggaramu ta’uu kaasaniiru.

Qaamolee karaa garaagaraan Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf, miidhuufi guddina ishee danquuf tattaafatan irratti gootummaa abbootii keenyarraa dhaalle raawwachuun faayidaa biyya keenyaa eegsisuun Itiyoophiyaan sodaatamteefi kabajamtee dhaloota itti aanuuf akka ceetuuf ajajichi kutannoo qabaachuus eeraniiru.

Tasfaahun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment