Finfinnee, Fulbaana 16, 2018(FMC)- Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ayyaanonni Uummataafi amantaa agarsiistuu heddummina Itiyoophiyaati jedhe.
Ayyaanni Daamaraa Masqalaa hambaalee kiliyyaa Itiyoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti galmeessiste keessaa tokko ta’uu tajaajilichi ibseera.
Ayyaanichi guutuu Itiyoophiyaatti dhalootaa gara dhalootaatti darbaafi eegamaa kan dhufe, agarsiistuu heddumminaafi tokkummaa sabdaneessaa Itiyoophiyaa ta’uu eereera.
Hambaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti kan galmaa’eefis duudhaa isaa eeggatee akka itti fufuufi Itiyoophiyaarra darbee hambaa dhala nama hundaa ta’ee akka itti fufuu dandeessisuuf ta’uus ibseera.
Itiyoophiyaanonnis Ayyaana Daamaraa Masqalaa wagga waggaan duudhaa hawaasummaa haala eegeen kan kabajan ta’uu kaasuun, guddina damee tuurizimiif qooda isaa bahachaa akka jiru eereera.
Ayyaana Daamaraa Masqalaa bara kanaa kan kabajnu wayita injifannoo Itiyoophiyaanonni waloon milkeessine Hidha Guddicha Haaromsaa kabajaa jirrutti jedhe.
Kunis Ayyaanicha daran kan miidhagsu ta’uu ibsuun, baga Ayyaana Daamaraa Masqalaan geessan jedheera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.