Baabura Elektirikaa Chaayinaa saffisaa yaalii irra jiru…

Finfinne , Onkoloolessa 11, 2018 (FMC) – Chaayinaan baabura elektirikaa saffisaa jedhamee fi maqaa ”CR 450” jedhamu kenniteef ifoomsite.

Baaburri akka addunyaatti baay’ee saffisaa ta’ee fi ‘abbaa saffisa rasaasaa ‘ jedhame kun sarara baaburaa Peengiduu Shaangaayi irratti yaalamaa akka jiru himameera.

Baaburri kun sa’aatii tokkotti kiilomeetira 350 deemuu kan danda’e yoo ta’u, fooyya’ee yaalii yoo xumuru kiilomeetira 450 deemuu danda’a jedhameera.

Baaburri kun kanaan dura kan ifoomee ture baabura saffisaa Fuksiingi sekoondii 100’n kan caalu yoo ta’u, kunis baabura saffisaa addunyaa ta’uu akka isa dandeessise eerameera.

Pirojeektiin baabura saffisaa CR450 Chaayinaa bara faranjootaa 2021tti kan eegalame yoo ta’u, ji’oota muraasa dhufan keessatti eebbifamee tajaajila akka kennu himameera.

Kunis Chaayinaan pirojeektii baabura saffisaa addunyaan dusummaa ishee akka cimsattu gargaara jedhamuu CNN fi CGTN gabaasaniiru.
Mikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama: t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment