Baajanni Galii waloo naannoleef qoodamu jijjiirama qabatamaan fide

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017 (FMC) – Baajanni haqa qabeessi Galii waloon naannoleef dabarfamu jijjiirama qabatamaa fide jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.

Dabarsaa fi qondinsa baajata galii waloo deeggarsa kaayyoo addaa qabanii ilaalchise qooda fudhattoota Federaalaa fi naannolee waliin mariin gaggeeffamaa jira.

Jijjiiramaan booda naannolee gidduutti qoodiinsa qabeenyaa haqa qabeessa taasisuuf hojiileen hedduun hojjetamuu eeran obbo Agaganyoon mari’acharratti.

Jijjiiramaan duran baajanni galii waloo naannoleef qoodamu biiliyoona 4 qofa ture ammaa Biiliyoona 70 caaluu himan.

Raabsa baajata deeggarsa haqa qabeessa taasisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamuu hordofee jijjiiramni qabatamaan dhufeera jedhan.

Mootummoonni naannolee baajata deeggarsaa mootummaa Federaalaan isaaniif taasifamu dhaabbilee dhimmi ilaallatuuf iftoominaan beeksisuu akka qaban hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment