Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC)- Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbilee daddabarsa maallaqaa eeyyama hin qabnee fi tajaajila hawalaa seeraan alaa raawwatan ifoomseera.
Baankichi ibsa baaseen, hawaasni, miseensonni Daayasporaa Itiyoophiyaa fi maamiltoonni bakka bu’oota daddabarsa maallaqaa eeyyama hin qabne akkasumas neetworkota hawalaa seeraan alaa fayyadamu irraa akka of qusatan hubachiiseera.
Yeroo ammaa kana daddabarsi maallaqaa hawalaa dabalaa dhufuu hordofee, maamiltoonni, miseensonni Daayasporaa Itiyoophiyaa fi hawaasni maallaqa yeroo erganii fi yeroo fudhatan of eeggannoo barbaachisaa akka taasisan, akkasumas karaa seeraan hayyamame qofa akka fayyadaman hubachiiseera.
Karaa dhaabbilee eeyyama seeraa hin qabne daldaluun ykn tajaajila isaanii fayyadamuun kasaaraa maallaqaa fi harkifannaa kaffaltii, uggurra herrega baankii, akkasumas ergitootaa fi fudhattoota maallaqaa miseensota maatii dabalatee, irratti tarkaanfii seeraaf akka saaxiluu Baankiin Biyyaalessaa beeksiseera.
Baankichi, Kanaan duras bakka bu’oota daddabarsa maallaqaa hayyama hin qabnee fi neetworkota hawalaa seeraan alaa ilaalchisee akeekkachiisa dabarsaa turuu yaadachiiseera.
Hojiileen qaamoleen kunneen hojjetan Itiyoophiyaa keessatti seeraan kan dhorkaman ta’uu hubachiisuun, ergitootas ta’e warreen fudhatan balaa maallaqaa guddaa fi seeraaf saaxiluu akka malu ibseera.
Baankichi dhaabbilee daddabarsa maallaqaa eeyyama hin qabne adda kan baase yoo ta’u isaanis: ‘Adulis Money Transfer (ADZ), Amal Express, Amal USA, Amana Express, Avanti, Awash Direct, Baqel Money Transfer, Juba Express, Resmi Pay, Remed Pay / Remeda Pay (KAH), Shigey Money Transfer, Taj Financial Service, Tasa Pay, Tewakel Money Services, USwyre, World Direct Link fi Zola’ ta’uu eereera.
Hawaasni maallaqa isaa eeguuf, akkasumas maallaqni ergame saffisaan ga’uu mirkaneessuuf, dhaabbilee hawalaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa irraa eeyyama argatan qofa fayyadamuu akka qabu Baankichi hubachiiseera.
Dabalataanis, hawaasni maallaqa erguu isaa dura dhaabbata ykn tajaajilli filate sun tarree dhaabbilee Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa irraa eeyyama argatan keessatti hammatamuu mirkaneeffachuu akka qabu dhaameera.
#Oromia #Ethiopia