Baankichi tarkaanfii qindaa’aa sirna haawaalaa cimsuufi amanamummaa faayinaansii eegsisuu dandeessisu fudhate

Finfinnee, Sadaasa 1, 2018 (FMC) – Baankiin Biyyaalessaa tarkaanfii qindaa’aa sirna haawaalaa cimsuufi amanamummaa faayinaansii eegsisuu dandeessisu fudhate.

Tarkaanfiiwwan kunneen faddaaltotaafi dhiyeessitoota maallaqaa sirna faayinaansii Itiyoophiyaa fayyadamuun gochoota daddabarsa maallaqaa daangaa ce’an irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu kan hammatu ta’uu baankichi ibseera.

Kana malees amanamummaa sirna faayinaansii eegsisuufi ce’umsi sharafa alaa karaa seera qabeessa, iftoomina qabuufi idileen gaggeeffamuu isaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu kan agarsiisu ta’uu eereera.

Tarkaanfiin kun qaama daddabarsa hawaalaa seeraan alaa ittisuu ta’uu kaasuun, qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qaamolee sirna faayinaansii Itiyoophiyaa kaayyoo hin malleef fayyadamuu barbaadan adda baasuun tarkaanfii fudhatu kan itti fufu ta’uu hubachiiseera.

Tarkaanfiiwwan yaa’iinsi hawaalaa alaa adeemsa idilee hordofee akka gaggeeffamuuf gargaaran cimsuufi gama baankotaa fi daddabarsitoota maallaqaa eeyyama qabaniin dhiyeessiin sharafa alaa gahaaniifi walitti fufiinsa qabu jiraachuu mirkaneessuuf cimee kan hojjetu ta’uus ibseera.

Tattaaffiiwwan kunniin waliingahiinsa hawaalaa karaa si’ataafi iftoomina qabuun akka raawwatamu taasisuufi tasgabbii diinagdee biyyattii akkasumas galmoota misoomaa millkeessuuf kan kaayyeffataman ta’uu ibseera.

Uummanni dhiyeessitoota tajaajila hawaalaa alaa seera qabeeyyii beekuunfi seera baankichaa hordofuun gabaa sharafa alaarratti akka hirmaataniif maqaa dhaabbilee daddabarsitoota hawaalaa marsariitii https://nbe.gov.et/mta/ irratti ifoomseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment