Baankiin Addunyaa damee loojistiksii Itiyoophiyaa deeggaruu itti fufa

Finfinnee, Fulbaana 22, 2018(FMC)- Baankiin Addunyaa damee loojistiksii Itiyoophiyaa deeggaruu itti fufa jedhan Naannawaa Bahaafi Kibba Afrikaatti Pirezidaantii itti aanaan Baankichaa Nidiiyaamee Diiyoopi.

Ijaarsi babal’ina giddugala loojistiksii magariisaa Mojoo deeggarsa Baankii Addunyaa Doolaara miiliyoona 200 fi miiliyoona 40’n ijaaramaa jiru yeroo dhiyootti ni eebbisiifama.

Hoggantoonni olaanoon Baankii Addunyaafi Abbaa Taayitaa Maariitaayimii Itiyoophiyaa sadarkaa ijaarsa isaa daawwataniiru.

Nidiiyaamee Diiyoopi wayita kana, hojiin ijaarsa babal’ina giddugala loojistiksii magariisaa Mojoo akkaataa karoora qabameen xumuramaa jiraachuu isaatti gamaduu ibsaniiru.

Pirojektichi damee loojistiksii Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu kaasanii, dorgomtummaa biyyattiin naannawicharratti qabdu kan guddisu ta’uus dubbatan.

Pirojektoonni akka kanaa walitti hidhamiinsa daldalaa naannawichaa cimsuurra darbee carraa hojii uumuuf gahee qabaachuus ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti Daayrektarri Baankii Addunyaa Maariyaam Saaliim gama isaaniin, Baankichi damee loojistiksii Itiyoophiyaa ammayyeessuuf deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Tattaaffiin damichaan seektara dhuunfaa hirmaachisuuf taasifamu kan dinqisiifatamu ta’uu eeruun, guddina damee kanaaf tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Hojiin ijaarsa babal’ina giddugala loojistiksii magariisaa Mojoo harki caalu xumuramuufi yeroo dhiyootti eebbisiisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu kan ibsan ammoo Daayrektara Olaanaa Maariitaayimii Itiyoophiyaa Injinar Abdulbaar Shamsuudha.

Hojiin ijaarsa babal’inaa kun ulaagaa Baankiin Addunyaa kaa’een hojjetamuu Injinar Abdulbaar Shamsuu Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment