Finfinnee, Guraandhala 14, 2018 (FMC) – Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa bu’aa caalbaasii sharafa alaa addaa har’a gaggeesse ifoomseera.
Doolaarri miiliyoonni 500 caalbaasichaaf kan dhiyaate yoo ta’u, baankileen 30 adeemsicharratti hirmaataniiru.
Caalbaasii addaa gaggeeffameen Doolaarri Ameerikaa tokko giddugaleessaan Birrii 153.25 ta’uun galmaa’eera.
Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akkaataa sagantaa kana dura ifoomseen caalbaasichi yeroo itti aanus kan gaggeeffamu ta’uu ibsame.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.