Baankiin Biyyaalessaa fooyya’iinsi ‘IMF’ qooda biyyoota miseensaa irratti taasise akka ariifatu gaafate

Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2018(FMC)- Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny fooyya’iinsa qooda biyyoota miseensaa %50 Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa taasise akka ariifatu gaafataniiru.

Walga’ii Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa 2025 cinaatti walga’iin Giruuppi Afrikaa Konistiituyeensii gaggeeffamera.

Dooktar Iyyoob Takkaalliny haasawa walga’ii kanarratti taasisaniin, Baankiin Biyyaalessaa fooyya’iinsa qooda biyyoota miseensaa %50 Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa taasise haala gaariin kan ilaalu ta’uu ibsan.

Fooyya’iinsi qoodaa kun seeftiineetii faayinaansii idil-addunyaa cimsuu fi biyyoota miseensaaf dhiyeessii qabeenyaa guddisuuf tarkaanfii gaarii ta’uus eeraniiru.

Fooyya’iinsi dhaabbatichi taasise ariitiin hojiirra akka oolu gaafataniiru.

Waliigaltee qooda biyyoota miseensaa guddachaa jiranii irratti mul’achaa jiru dinqisiifachuun, hammattoo amma jiruun bakka bu’ummaa xiqqaa biyyoonni guddachaa jiran qaban furuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Sirna faayinaansii idil-addunyaa haqa qabeessa, madaalawaafi hammataa ta’e mirkaneessuuf biyyoota bakka bu’ummaa xiqqaa qabaniif dursi akka kennamuufis gaafataniru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment