Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa badhaasa kaffaltii Baankii Giddugaleessaa fi ijaarsa bu’uuraalee misooma gabaa injifate

Finfinnee, Bitootessa 8, 2018(FMC) – Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa badhaasa kaffaltii Baankii Giddugaleessaa fi ijaarsa bu’uuraalee misooma gabaa ‘Central Banking’ qopheessu injifateera.

Baankichi misoomawwan bu’uuraa gabaa faayinaansii Itiyophiyaa ijoo ta’an irratti fooyya’iinsa geggeessuu qabu raawwachuu isaa Sentiraal Baankingi beeksiseera.

Bara Faranjootaa 2024 asi Baankichi biyyattii gara Imaammata Maallaqaa dhalaa fi qaala’iinsa gatii irratti xiyyeeffatee fi gara sirna Sharafa Alaa gabaa bu’uureffateetti ceesisuun isaa ibsameera.

Akka fakkeenyaattis jalgabbii gabaa kaappitalaa fi Kaazinaa ykn tireezyeraa beeksisuu dabalatee hojiiwwan hedduu raawwachuun isaa eerameera.

Bulchaan Baanki Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi, badhaasichi karaa rifoormii dinagdee mandhaleen bu’uuraalee misooma gabaa guddisuun, akkasumas imaammata tamsa’ina maallaqaa fi misooma itti fufaa cimsuun caalmaatti hojjechuuf kan nama kakaasuudha jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment