Finfinnee, Sadaasa 19, 2018(FMC)- Baankiin Biyyaalessaa labsii baankii daldalaa haaraa bu’uureffachuun Itiyoophiyaatti Biiroo Bakka Bu’aa Baankii Istaandardiif eeyyama haaraa kenne.
Eeyyamichi bu’uura seera eeyyamniifi hordoffiin biirolee bakka bu’oota baankota alaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa jala akka galuuf ragga’een kennamuun eerameera.
Haaluma kanaan baankichi eeyyama Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaan baankota bakka bu’ootaaf kenname ture haaromsuun eeyyama haaraa kennuu eegaleera.
Itiyoophiyaatti waggoota dheeraaf gama Biiroo Bakka Bu’iinsaan socho’aa kan ture Baankiin Istaandard bu’uura seeraa haaraan Baankii Biyyaalessaa irraa dhaabbata biyya alaa eeyyama argate kan jalqabaa ta’eera.
Biirooleen bakka bu’iinsaa eeyyamni laatamuuf baankota alaaf giddugala hariiroo fi odeeffannoo daldalaa ta’uun qorannoowwan gabaa kan gaggeessan, hariiroowwan daldalaa kan guddisaniifi beeksisanidha.
Biiroleen kunneen tajaajilawwan baankiifi daddabarsa maallaqaa keessatti kan hin hirmaanne ta’uu Baankiin Biyyaalessaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.