Baankiin Invastimantii Awurooppaa hojii misooma magariisaa Itiyoophiyaa akka deeggaru ibse

Finfinnee, Caamsaa 7, 2017(FMC) – Baankiin Invastimantii Awurooppaa hojii Itiyoophiyaan misooma magariisaa irratti hojjechaa jirtu akka deeggaru ibse.

Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaafi Baankii Invastimantii Awurooppaa tumsa isaanii cimsuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigalticha Bulchaa Itti aanaan Baankii Biyyaalessaa Solomoon Dastaafi Baankii Invastimantii Awurooppaatti Bakka Bu’aan Itiyoophiyaafi Gamtaa Afrikaa Leeyilaa Tiraawureen mallatteessaniiru.

Waliigaltichi tumsa baankota lameenii cimsuurratti kan kaayyeffate ta’uu Solomoon Dastaan ibsaniiru.

Tattaaffii Itiyoophiyaan diinagdee magariisaa ijaaruuf taasistuuf Baankiin Invastimantii Awurooppaa deeggarsa akka godhu haala kan mijeessu ta’uus eeraniiru.

Leeylaa Tiraawureen gamasaaniin, hojiilee Itiyoophiyaan misooma magariisaa irratti hojjechaa jirtu kan ishee galateeffachiisu ta’uu eeruun, biyyoonni hedduun misooma magariisaarratti hojjechuu dhabuun rakkoo hedduu keessa akka darbaniif isaan dirqisiisuu kaasaniiru.

Baankiin Invastimantii Awurooppaas tattaaffii Itiyoophiyaan diinagdee jijjiirama qilleensaa dandamatu ijaaruuf taasistu akka deeggaru ibsaniiru.

Qaala’aab Girmaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment