Baarseloonaan Gaabri’eel Jiisas Arsenaal irraa mallatteessisuuf waliigaltee irra ga’e

Finfinnee, Hagayya 24, 2018 (FMC) — Kilabni Ispeen Baarseloonaan taphataa sarara fuulduraa Biraazil Gaabri’eel Jiisas, Arsenaal irraa mallatteessisuuf waliigaltee irra ga’eera.

Baarseloonaan taphataa kanaaf kaffaltii jijjiirraa paawundii miiliyoona 8.6 dhiyeesseera.

Gaaffiin jijjiirraa kunis Arsenaaliin fudhatama argachuu isaa ‘Sky Sports’ gabaaseera.

Taphataan Biraazilii kun qorannoo fayyaa gaggeeffachuu fi waliigaltee isaa ifatti mallatteessuuf boru gara Ispeen imala jedhame.

Comments (0)
Add Comment