Finfinnee, Hagayya 11, 2017(FMC) – Naannoo Afaaritti filannoowwan galii babal’isuun baasii humna ofiin uwwisuuf hojiileen dandeessisan hojjetamaa jiru jedhan Pireezidaantiin naannichaa obbo Awwal Aarbaan.
Biiroon galiiwwanii naannichaa raawwii hojii bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeessaa jira.
Naannichi bara 2018 galii Birrii biiliyoona 8.7 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu Pireezidaanti Awwal Aarbaan himaniiru.
Filannoowwan galii babal’isuun baasii humna ofiin uwwisuuf hojiileen dandeessisan hojjetamaa jiraachuu eeran.
Galii duguuganii sassaabuu fi dandeettii cimsuuf qaamoleen sadarkaan jiran hundi cichoominaan akka hojjetan yaadachiisan.
Seektaraalee sadarkaa aanaalee, godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa raawwii gaarii galmeessaniif beekamtiin kennamuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia