Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) – Baatii Ramadaanaa keessa harka qalleeyyii, godaantotaa fi namoota rakkoo keessa jiraniif deeggarsa taasisuun barbaachisaadha jedhan Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan.
Sagantaan Ifxaraa guddaan daandirraa Magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffameera.
Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan,Baatii Ramadaanaa keessa harka qalleeyyii, godaantotaa fi namoota rakkoo keessa jiraniif deeggarsa taasisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Hoggantoonni mootummaa, Ambaasaaddaroonni, Dippiloomaatoonnii fi hordoftoonni Amnataa Islaamaa saganticharratti argamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.