Finfinnee, Amajjii 15, 2018 (FMC) – Baatiiwwan jahan darbanitti invastimantii doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 77 hawwachuun danda’ameera jedhe Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii.
Hogganaan Qajeelcha Korporeeti Kominikeeshinii Korporeeshinichaa obbo Phaawuloos Balaxaa Faanaa Diijitaalitti akka dubbatanitti, baatiiwwan jahan darbanitti abbootii qabeenyaa 64 doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 77 ol galmeessisan Zooniiwwan Diinagdee Addaa fi Paarkiiwwan Indaastirii Korporeeshinichi bulchu keessatti hojii invastimantii irratti akka bobba’aniif hawwachuun danda’ameera.
Abbootiin qabeenyaa kunneen dameewwan daldalaafi loojistiksii, faarmaasiiyuutikaalaa, agroo-piroosesiingii, injinariingiifi sibiilaa, konistiraakshiniifi farniichara akkasumas uffannaalee irratti bobba’uu eeran.
Admaasuu Arraagaawuun.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.