Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Baatiwwan arfan darban keessa humna Elektirikaa gabaa alaaf dhiyaaterra galiin Doolaarri miiliyoonni 46 ol argame jedhe Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa.
Hojiileen qulqullina tajaajilaa fi waliingahiinsa guddisan hojjetamaa turuu ibse.
Buufataalee raabsaa Elektirikaa babal’isuu fi fooyyessuu, akkasuma waliingahiinsarratti hojiilee bal’aan hojjetmuu hime.
Qulqullina tajaajila dhaabbatichi kennu dabaluu, fooyyessuu fi babal’isuurratti hojiilee bu’aa qabeessi hojjetamuu Daayrekterri Kominikeeshinii dhaabbatichaa obbo Mogas Makonniin dubbataniiru.
Tiraanisfaroota haaraa humna guddaa qaban hojiin bakka buusuu fi jijjiiruu hojjetameera jedhan.
Kunis qulqullina tajaajilaa fooyyesuu fi waliin gahiinsa caalmaatti babal’isuun maamiltoonni rakkoo tokko malee tajaajila akka argatan gochaa jiraachuu kaasan.
Baatiwwan Arfan darban keessa Humna Elektirikaa Keeniyaa, Jibuutii fi Taanzaaniyaaf dhiyaaturraa galiin Doolaarri miiliyoonni 46.8 argamuuu ibsan obbo Mogas.
Kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame % 25 caalmaa qabaachuu himuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.