Finfinnee, Amajjii 14, 2018 (FMC) – Baatiwwan jahan darban daldala alaarraa galiin doolara biiliyoona 5.10 argameera jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofeen.
Gamaaggamni raawwii karooraa kan baatiwwan jahan darbanii damee daldalaa Ministeerichaa Magaalaa Daseetti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Kaasaahuun wayita kana haasawaa taasisaniin, baatii jahatti daldala alarraa galii doolara biiliyoona 4.42 argachuuf karoorfamee doolarri biiliyoonni 5.10 argamuu dubbataniiru.
Kunis dhaabbatichi karooraan ol raaawwachuu danda’uu fi bara darbe yeroo walfakkaataan yoo madaalaamuu caalmaa doolara biiliyoona 1. 83 qabaachuu ibsaniiru.
Giddugaloonni gabaa sanbataa kuma 1 fi 988 qaqqabuus eeraniiru.
Daldala diijitaalaa babal’isuuf fi tarsimoo Diijitaala Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Haaluma kanaan sadarkaa biyyaalessattti eeyyamni daldalaa fi tajaajilaa miiliyoona 2 ol karaa onlaayininiin kennamuu dubbataniiru.
Bara 2018 daldala alaarraa galii doolara biiliyoona 9.4 argachuuf karoorfamee xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Dooktar Kaasahuun ibsaniiru.
Kadir Mahaammaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.