Finfinnee, Amajjii 29, 2018 (FMC) – Baatiwwan jahan darban konfiransiiwwan idil addunyaa 150 Finfinneetti keessummaa’an jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech gabaasa raawwii hojii baatiiwwan jahan darbanii Yaa’ii Idilee 2ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessaa jiru.
Turistoonni biyya keessaafi alaa miiliyoona 4.9 ta’an Finfinnee daawwachuu ibsan gabaasa raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii dhiyeessaniin.
Ayyaanotni amantiifi addabaaba’ii akkasumas konfiransiiwwan idil addunyaafi misoomni magaalichaa turiistoota harkisuu eegaluu dubbatan.
Finfinnee Wiirtuu Turizimii Konfiransii taasisuuf hojiin misooma magaalaa haaressuuf hojjetame, akkasumas pirojektiiwwan meeggaa firii agarsiisuu eegaluus eeran.
Baatii jahan darban Konfiransiiwwan idil addunyaa 150 Finfinneetti keessummaa’uu himan.
Waliigalaan damee Turizimiirraa mallaqni birrii biiliyoona 100fi biiliyoona 55 gara diinagdee magaalichaa seenuu dubbachuu AMN gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.