Baatiwwan jahan darban oomishaalee qonnaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 2 argame – Ministeericha

Finfinnee, Amajjii 23, 2018 (FMC) – Baatiwwan jahan darban oomishaalee qonnaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 2 argame jedhe Ministeerri Qonnaa.

Ministeerichi raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii magaalaa Adaamaatti gamaaggamaa jira.

Baatiwwan jahaan darban akka biyyaatti dameen qonnaa milkaa’ina olaanaa galmeessuu ibsan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan.

Hojiilee oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa tureen galiin Doolaarri biiliyoonni 2 argamuu eeran.

Damicha ammayyeessuuf Tiraakteroonni kumni 23, Kambaayinaroonni kumni 12 fi Paampiwwan bishaanii kumni 500 ol hojiitti galuu dubbatan.

Salamoon Yitaayitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment