Baatiwwan sadan darban galiin Birriin biiliyoonni 300 fi biiliyoonni 23 walitti qabame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Bara baajataa 2018 keessa baatiwwan sadan darban galiin Birriin biiliyoonni 300 fi biiliyoonni 23 walitti qabame jedhan Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan.

Dooktar Fitsuum gabaasa raawwii hojii guyyoota 100 darbanii dhiyeessaniiru.

Kurmaan jalqabaa bara 2018 keessa dameewwan adda addaan galii walitti qabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu kaasan.

Haaluma kanaan baatiwwan sadan darban mootummaan Federaala galii Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 23 walitti qabuu eeran.

Kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 52 caalmaa qaba jedhan.

Warqeerraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.2 fi Bunarraa ammoo Doolaarri miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 63 argamuu ibsan.

Yaa’insi daddabarsa maallaqaa Doolaaraa biiliyoona 2.3 gahuu himan.

Akkasuma Invastimantii kallattiin Doolaarri miiliyoona 900 fi miiliyoona 61 ta’u galmaa’uu himan Dooktar Fitsuum.

Maallaqni kuufamaan waliigalaan Birrii Tiriiliyoona 3.73 gahuu isaa ibsan.

Lammiilee kuma 600 fi kuma 71 oliif carraan hojii uumamuus kaasaniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment