Badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf dhaabbileen haqa irratti hundaa’anii hojjechuu qabu- Pireezidaanti Taayyee

Finfinnee, Sadaasa 19, 2018 (FMC)- Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Afrikaa nageenyi fi badhaadhinni itti mirkanaa’e ijaaruuf dhaabbileen haqa irratti hundaa’anii hojjechuu qabu jedhan.

Siimpooziyeemiin Manneen Murtii heera Mootummaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Pireezidaanti Taayyeen wayita kana haasawaa taasisaniin, fedhii yeroo dheeraa Afrikaa kan ta’e misooma, badhaadhinaa fi tumsa milkeessuuf heerri mootummaa fi ijaarsi mootummaa bu’a qabeessi hojiilee ijoo ta’uu ibsaniiru.

Afrikaa nageenya qabdu, badhaatee fi tokkummaan ishee mirkanaa’e uumuuf dhaabbileen haqa irratti xiyyeeffachuun hojjechuun akka irra eegamuu fi mootummaa ummanni filateen qofa buluu qabu jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment