Finfinnee, Hagayya 12, 2017(FMC)- Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah bara 2018’tti badhaadhina gama maraa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kutannoo cimaan hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Waltajjiin gamaggama raawwii bara baajataa 2017 fi marii 2018 Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa gaggeeffameera.
Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, barri baajataa 2017 dameewwan hundaan bara kutannoon hojjetameefi milkaa’inaa ture.
Hoggantoonnii fi miseensonni paartichaa hundi irree gamtoomeen waan hojjetaniif milkaa’inni hedduun galmaahuu yaadachiisaniiru.
Hojiilee bara 2017 hojjetamaniin milkaa’inoonni ijoon sadii galmaa’uu eeranii, ciminni keessoo paartii guddachuu, hariiroofi tumsi tarsiimawaa mirkanaa’uu akkasumas fayyadamummaan biyyaafi uummataa mirkanaa’uu akka danda’e ibsaniiru.
Hojiileen uummanni fayyadamaa misoomaa akka ta’uuf hojjetaman bu’aa qabeessa akka turaniifi hojiileen nageenyaafi tasgabbiirratti hojjetamanis sadarkaa biyyaalessaatti nageenyi fooyya’aan akka mirkanaa’u dandeessisuu himuu isaanii Paartichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.
Barri 2018 bara addaa ta’uu kan ibsan obbo Adam Faaraah, hoggansiifi miseensi hundi badhaadhina gama maraa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf bara baajataa darberra kutannoo cimaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.