Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Guyyaa Yaadannoo Wareegamuu waggaa 5ffaa fi Badhaasaa Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaa ilaalchisee Boordiin Faawundeeshinii Haacaaluu ibsa kenneera.
Faawundeeshinichi gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabameera jedhe boordichi.
Hojiileen kunneen ogeeyyii fi abbootii murtee kan calalaman ta’uu eerame.
Adeemsi filannoos % 90 ogeeyyiin, % 10 ammoo ummataan ta’uu boordichi ibsa kenneen himeera.
Badhaasni umurii guutuu fi addaas ni jiraata jedhe boordichi.
Sirboonni badhaasaaf dhiyaatan sirboota Bitootessa 22, 2016 hanga hanga Bitooteessa 21, 2017tti hojjetaman ta’u jedhame.
Har’aa eegalee kaadhimamtoonni miidiyaalee hawaasummaarratti waan dhiyaataniif ummanni sagalee akka kennu faawundeeshinichi waamicha dhiyeesseera.
Siifan Magarsaa fi Mulgeetaa Girmaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.