Badhaasni Noobeelii damee Fiiziksii saayintistoota kompiiteraa sadiif kenname

Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC) – Badhaasni Noobeelii Fiiziksii bara 2025 saayintistoota kompiiteraa sadiif kennameera.

Joon Kilaarki, Mikaa’el Echi Divoortii fi Joon Emmi Maartiinsi ogeeyyii badhaasa Noobeelii kana kompiiteroota jajjaboo dhaloota dhufu madaalu uumuu keessatti hojii hojjetaniin badhaafamuun isaanii ibsameera.

Koreen Noobeelii bara kana moobaayila dabalatee tekinooloojiiwwan akka Kaameeraa hirkattoota damee kanaa ta’uu eereera.

Injifattoota kanneeniiif badhaasni maallaqaa paawundii kuma 800 fi kuma 72 akka kennameef eerameera.

Argannoon qorattoota kanneenii faayidaa guddaa kan qabuu fi bara 1980 asi qorannoo guddaa ta’uu BBC’n gabaaseera.

Qorannichi sadarkaa tekinooloojiin kompiiteraa irra ga’e fooyyessuun baay’ee akka ammayyeessuu danda’u ibsameera.

Abeel Niwaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment