Balaa Ibidda Bosonaa Awustiraaliyaatti bosona lafa hektaara kuma 300 fi kuma 50 ol irra ture barbadeesse

Finfinnee, Amajjii 3, 2018 (FMC) –Ibiddi Bosonaa Kibba Baha Awustiraaliyaatti mudate bosona lafa hektaara kuma 300 fi kuma 50 ol irra ture barbadeesseera.

Manneen jireenyaa fi gamoowwan 300 ol mancaaseera.

Hojjettoonni Ittisa Balaa Ibiddaa fi Xiyyaaroonni 70’n ibiddicha to’achuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jiru jedhame.

Biyyattiin labsii yeroo ariifachiisaas labsiteert.

Lammiileen hedduun qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru.

Kutaa bulchiinsa Viiktooriyaatti iddoowwan 30 olitti ibiddichi qabachuu bulchaan kutichaa Jaansiitaan Alaan dubbataniiru.

Balichi hanga ammaatti bosona lafa hektaara kuma 300 fi kuma 50 irra ture guutummaatti barbadeessuu BBC fi Reuters gabaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment