Balaa konkolaataa muudateen lubbuun namoota 15 darbe

Finfinnee, Amajii 8, 2018 (FMC) – Godina Shawaa Kaabaa Magalaa Caancootti Balaa Konkolataa mudateen lubbuun namoota 15 darbe.

Har’a waaree booda naannawaa sa’aatii 9:00 Konkolaataan deddeebisa Ummataa magaalaa Qarree Gowaa ka’uu gara magaalaa Finfinnee imalaa ture Magalaa Caancoo bakka addaa laga Leencaa jedhamutti  konkolaataa fe’umaa walitti bu’uu balaa muudateen lubbuun namoota 15 darbuun ibsaame.

Ka’umsi balaa kanaas Konkolaataan fe’umsaa Bajajii rukutee  kallattii isaa gadi lakkisuunis  konkolaataa deddeebisa uummataa Abbaa duulaa jedhamu Magalaa Qarree Gowaa irraa imaltoota fe’ee gara Magalaa Finfinneetti  imalaa tureetti bu’uun balaa qaqqabe ta ‘uu Itti Gaafatamaan kutaa xiqqaa to’annaa Nageenya Tiraafikaa Waajjira Poolisii Bulchiinsa magalaa Caancoo Inspeektarri ol’aanaa Gizaaw Tashoomaa ibsaniiru.

Dabalataan namoota 3 irra miidhaa cimaa fi 4 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuu dubbatan.

Namoonni miidhaan cimaa fi salphaan irra gahees Hospitaala Caancootti yaalamaa jiraachuu eeran.

Faxxanaa Zawdeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment