Finfinnee, Sadaasa 17, 2018 (FMC) – Kibba Taayilaanditti balaan Lolaa waggoota 300 keessatti mudatee hin beekne mudate.
Rooba cimaa roobu hordofee lolaan hamaan Taayilaandi fi Maaleezyaatti qormaata guddaa ta’eera.
Kumaatamoonni qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru.
Balaa Taayilaanditti mudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 33 darbuutu himame.
Taayilaanditti namoonni miiliyoonni 2.1 ol balichaaf saaxilamuutu eerame.
Hojiin lubbuu baraaruu fi balicha ittisuu kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti hojjetamaa jira.
Roobni hammaan miilii meetira 335 ta’e Magaalaa Kutaa Kibba biyyattiitti argamtu ‘Hat Yai’ roobuu isaa TRTn gabaaseera.
Kunis waggoottan 300 booda isa jalqabaati jedhame.
Qabeenyii fi bu’uuraaleen misoomaa hedduun barbaadaa’uu ibsame.
Haaluma walfakkaatuun Veetinaamitti balaa lolaa mudateen lakkoofsi namoota du’anii 98 qaqqabuu BBCn gabaaseera.
Lammiileen kuma 500 olitti lakkaawwaman bu’uuraalee misoomaa malee hafan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.