Finfinnee, Amajjii 15,2017 (FMC)- Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaa Aanaa Daawuntitti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 25 darbeera.
Balichi konkolaataa deddeebisa Ummataa magaalaa Kurbaa gara Dasseetti imalaa ture garagaluun kan mudate ta’uu Poolisiin Aanichaa ibseera.
Balichaan lubbuu namoota 25 kan darbe yoo ta’u, namoota 29 irra immoo midhaan qaamaa cimaafi salphaan qaqqabuu ragaan kominikeeshinii Godinicharra argame ni mul’isa.