Balaa Tiraafikaa Aanaa Qarsaa Araddaa Awumaraatti mudateen lubbuun namoota 9 darbe

Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC)- ‎ ‎Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaa Araddaa Awumaraa iddoo addaa Riqicha Qarsaa jedhamutti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota namoota 9 darbe.

Balichaan lubbuun namoota 9 yoo darbuu namoota 7 irra miidhaan cimaa fi salphaan qaqqabuu Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatti Itti Gaafatamaan Kutaa Kominikeeshinii fi Miidiyaa Gargaara Inspeektaraa Kaasayee Abbabaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif himaniiru.

Ka’uumsi balichaa qoratamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tuujii Abdiitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment