Balaa xiyyaaraa Hinditti mudateen lubbuun namoota 204 darbuun mirkanaa’e 

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Balaa xiyyaaraa Hinditti mudateen lubbuun namoota 204 darbuun mirkanaa’eera jedha gabaasni BBC.

Xiyyaarri “Booyiing 787- 8” Hindii buufata xiyyaaraa Ahimadaabaad irraa imaltoota 242 fe’ee gara Inigilz Landanitti imalaa ture har’a kufuun isaa kan yaadatamuudha.

Imaltoota xiyyaarichaan imaalaa turan keessaa 169 lammiilee Hindii, 53 lammiilee Ingiliz, 7 lammiilee Poorchugaal, 1 lammii Kaanaadaafi lammiileen biyyoota biroos akka turan ibsameera.

Poolisii naannichaa eeree BBC’n akka gabaasetti, xiyyaara lafaa ka’ee sekoondii 30 booda kufe kana keessa imaltoonni turan 204 lubbuun darbuun kan mirkanaa’e yoo ta’u, lammiin Ingiliz tokko ammoo lubbuun hafuun beekameera.

Balaa kanaan Ministirri duraanii Bulchiinsa Gujiraat Viijaay Ruppaanii lubbuun kan darban yoo ta’u, barattootni mediikaalii naannoo sana turan 50’n miidhamuunis gabaafameera.

Sababni balaa kanaa hanga ammaatti akka adda hinba’inii fi jilli qorattoota balaa xiyyaara Ameerikaa fi Ingiliz gara Mumbaayitti akka imalanis eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment