Finfinnee, Adoolessa 9, 2017 (FMC)- Balalliin Abuu Daabii eegaluun tattaaffii Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Afrikaa addunyaa waliin walitti hidhuuf taasisu cimsa jedhan Hojii Raawwachiisaan Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasawu.
Daandiin qilleensichaa guyyaa kaleessaa balallii gara magaalaa guddoo Eemireetota Araba Gamtoomanii Abuu Daabiitti taasisu eegaleera.
Imaltoonni jalqabaa wayita Abuu Daabii buufata xiyyaaraa Zaayid gahan simannaan taasifameeraafi.
Obbo Masfin Xaasawu wayita kana akka jedhanitti, daandiin qilleensichaa Afrikaa addunyaa waliin walitti hidhuuf Finfinnee akka giddugaleessaatti fayyadamuun gara bakkeewwan gahumsaa garaagaraatti balali’aa jira.
Balalliin gara Abuu Daabiis kana kan cimsu ta’uufi balalliin kallattii “Etihad” waliin ta’uun eegalame imaltootaaf haala mijataa akkasumas walitti hidhamiinsa daldalaafi aadaaf dandeettii olaanaa kan uumudha jedhan.
Balalliin daandiin qilleensichaa gara Abuu Daabiitti eegale kun bakka gahumsa balallii Eemireetota Araba Gamtoomanii gara afuriitti kan guddise ta’uunis eerameera.
Zaman Bayyanaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo