Finfinnee, Adoolessa 3, 2017 (FMC)-Bara baajataa 2017 akka biyyaatti bu’aaleen guguddoon galmaa’an jedhan Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Damee Ijaarsaa obbo Fiqaaduu Tasammaan.
Gamaaggama raawwii bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti waltajjiin marii magaalaa Goondaritti eegaleera.
Obbo Fiqaaduun wayita kanatti, bara 2017 akka biyyaatti injifannoowwan hedduun galmaa’an jedhan.
Hidha Guddicha Haaroomsa Itiyoophiyaa xumuruuf, Misooma Koriidarii fi nageenya waareessuuf hojiilee hojjetamaniin bu’aan gaariin argamuu himan.
Bu’aalee argaman jajjabeessuun qalaa’iinsa jireenyaa fi gaaffii misoomaa ummataa deebisuuf caalmaatti hojjechuu gaaafatas jedhan.
Naannoon Amaaraa rakkoo nageenyaa mudate keessaa bahuun naaannichatti nageenyaa fi badhaadhina hundagaleessaa mirkaneessuuf dandeettii ijaarsa guddisuu fi fayyadamuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa nageenyaaf dursa kan kennu ta’uu
eeruun,humnoonni hidhatanii naannicha keessa socho’an gara nageenyaatti akka dhufaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Balaayineeh Zalaalamitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.