Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017(FMC)- Bara baajataa 2017’tti piroojektiiwwan garaagaraa kumni 27 xumuramuu Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.
Ijaarsa piroojektiiwwanii ilaalchisee obbo Awwaluun midiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin, piroojektiiwwan ijaaramaa jiran keessaa Kumni 27 xumuramuun eebbaaf qophii ta’aniiru jedhan.
Piroojektiiwwan kunneen buleeyyiifi haaraa yoo ta’an, eebbi isaanii marsaa lamaan akka gaggeeffamu ibsan.
Mootummaan xiyyeeffannoo hojii nageenyaaf kennee hojjechaa jiru nagaa waaraa argamsiisaa jiraachuu eeraniiru.
Bu’aa nageenya waaraan argameen hojiin misooma piroojektii hojjetamaa jiraachuu kan ibsan obbo Awwaluun, karoora badhaadhinaa waggoota shanan darbanitti hojjetamaniin raawwii gaariin argamuu himaniiru.
Waggoottan darban keessa piroojektiiwwan garaagaraa kuma 71 fi 600 ol xumuruun tajaajila hawaasaaf bana ta’uu hubachiisaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.