Finfinnee, Waxabajjii 17, 2017 (FMC) – Bara baajata kana Naannoo Oromiyaatti daandiin kiiloo meetirri kumni 6 fi 400 suphame jedhe Biiroon Daandiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa.
Daandiin kun baajata mootummaa federaalaafi naannoo irraa argameen suphamuu Hooggantuun Biiroo Daandiiwwaniifi Loojistiksii Oromiyaa Injinaar Heelan Taammiruun Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.
Bara kana daandii cirrachaa Kiiloo meetiraa kuma 7 ol suphuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti daandiin kiiloo meetira kuma 6 fi 400 suphamuun danda’ameera jedhan.
Hojiin suphaa kanaaf hanga hammaatti Birriin miiliyoonni 600fi miiliyoonni 40 walitti qabamuu dubbatan.
Gama biroon biirichi hojiilee misooma daandii, buu’uuraalee Geejjibaafi Loojistiksii fi suphaa daandii irratti xiyyeffatee hojjetaa jiraachuu ibsan.
Gammachuu Beekumaatuu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.