Finfinnee, Adoolessa 17, 2017 (FMC) – Bara baajataa xumurame Zooniiwwan Diingadee Addaa fi Paarkiiwwan Indaastirii oomishaaleen oomisha alaa galan bakka bu’an Birrii biiliyoona 16 olitti tilmaamaman oomishaman jedhe Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii.
Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu dandeettii oomishuu Indaastirii % 47 irraa gara % 65tti giddisuu hime.
Kanaanis oomishaalee alaa gala turan Birrii biiliyoona 16tti tilmaamamu biyya keessatti oomishuun danda’amuu Raawwachiisaan Maarketiingii fi Piroomooshinii Invastimantii Koorporeeshinichaa Zaman Juunaddiin himaniiru.
Uffataalee seeraa Raayyaa Ittisaa fi qaamolee Nageenyaa guutummaatti biyya keessatti oomishuun danda’amuu dubbatan.
Bara baajataa xumurame Zooniiwwan Diingadee Addaa fi Paarkiiwwan Indaastirii lammiilee kuma 45 oliif carraa hojii uumuu ibsan.
Zooniiwwan Diingadee Addaa Invastimantii alaa kallattii Doolaara biiliyoona 1.2 hawwachuu dubbatan.
Paarkiiwwan Indaastirii guutuu biyyaatti Koorporeeshinichi bulchu keessaa 11 gara Zoonii Diinagdee Addaatti ce’uu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.