Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2018(FMC)- Bara darbe qamadiin kuntaalli miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 80 ol oomishameera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsaafi deebii gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebii kennaniin, bara darbe dameen qonnaa guddina % 7.3 fiduu yaadachiisanii, GDP keessattis %2.3 qooda qabaachuu ibsan.
Bara 2010 oomishni ruuzii Itiyoophiyaa waggaatti kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 500 akka turu ibsuun, bara darbe kuntaalli miiliyoonni 63 oomishameera jedhan.
Oomishni qamadii Itiyoophiyaas barii jijjiiramaa waggaatti kuntaala miiliyoona 47 akka ture yaadachiisuun, bara darbe qamadiin kuntaalli miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 80 ol oomishamuu hubachiisaniiru.
Oomisha bunaa ilaalchisees barii jijjiiramaa waggaatti kuntaala miiliyoona 4 fi kuma 500 kan ture, bara darbe kuntaalli miiliyoonni 11 fi kumni 500 oomishamuu ibsan.
Bara darbe fedhii biyya keessaa guutuun buna gabaa alaatti ergamerraa Doolaarri biiliyoona 2 fi miiliyoona 500 argamuus kaasaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.