Bara dhufu kitaabileen miiliyoonni 29 ni maxxanfamu – Dooktar Tolaa Baariisoo

Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Bara barnootaa 2018 kitaabilee miiliyoona 29 maxxansuun raabsuuf karoorfame jedhan Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon.

Dooktar Tolaa Baarisoon, gaaffiilee miseensoota caffeerraa dhimma barnootaarratti ka’aniif ibsa kennaniiru.

Rakkoo hanqina kitaabaa ture furuuf bara dhufu kitaabilee miiliyoona 23 biirichaan, miiliyoonni 6 ammoo deeggarsa UNICEf ‘n kan maxxanfamu ta’uu dubbatan.

Manneen barnootaa bu’uura Boruu Istandardii walfakkaataan kan ijaaraman ta’uus ibsan.

Akkasumas dandeettii barsiisootaa cimsuuf xiyyeeffanoon kan hojjetamu ta’uu himuun, ganna kana barsiisoota kuma 4 oliif leenjiin ni kennama jedhan.

Galteewwan manneen barnootaa barbadaan guutuuf kan hojjetamu ta’uu eeran.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment