Finfinnee, Mudde 21, 2018(FMC) – Bara Faranjootaa 2026tti Dhaabbata Daldalaa addunyyatti miseensummaa Itiyoophiyaa milkaa’inaan xumuruuf mareen geggeeffamaa jira jedhe Koreen Biyyaalessaa Maree Dhaabbata Daladalaa Addunyaa.
Koreen kun raawwii waqtaawaa gamlamee fi qaam-hedduu Itiyoophiyaa gamaaggameera.
Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofee yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa tibbana geggeeffame irratti hirmaachuun isaanii maree kana fuulduratti tarkaanfachiisuun bu’aa inni fide ibsaniiru.
Hanga ammaatti biyyoota saddeet waliin mareen gamlamee carraa gabaa xumuramuun misensummaa ishee milkeessuuf boqonnaa murteessaa ta’uus dubbataniiru.
Biyyoota hafan sagal waliin ariitiin akka xumuramuuf cichoominaan hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Waltajjichaan korichi dhimmoota walga’ii Garee Hojii 6ffaa irratti ka’anii fi koree teknikaan dhiyaatan irratti murtoo dabarseera.
Gareen teknikaa sanadoota walga’ii Garee Hojii 7ffaaf barbaachisan xumuree sekireeteriyaalichaaf akka dhiyeessu kallattiin kaa’amuun eerameera.
Walgaa’ii Garee Hojii 7ffaa torbee jalqabaa bara haaraa Faranjootaa dhufutti geggeessuuf karoorfamuus Ministirichi Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.
Bara Faranjootaa 2026tti Dhaabbata Daladalaa Addunyaatti miseensummaa Itiyoophiyaa milkaa’inaan xumuruuf qindoomina dhaabbatummaa fi tumsa cimaan akka hojjetamus mirkaneessaniiru.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia