Barattoonni Saayinsii Hawaasaa qormaata xumura kutaa 12ffaa fudhachaa jiru

Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) – Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa barattoonni Saayinsii Hawaasaa kumni 200 fi kumni 99 qormaata xumuraa kutaa 12ffaa fudhachaa jiraachuu hime.

Daayreekterri Olaanaan Tajaajilichaa Dooktar Isheetuu Kabbadaa Faanaa Dijiitaaliitti akka himanitti, barattoota kuma 200 fi kuma 99 qormaata fudhataa jiran kanneen keessaa kumni 31 fi 50’n marsariitiin kan qoraman yoo ta’u, sirna kanaan dura tureen walqabatee akka hinrakkanneef deggersa ogummaa argataniiru.

Dareewwan qormaataa hundatti ibsaa fi interneetiin utuu addaan hincitin fi hanqinni humna namaa utuu hin mudatin qormaaticha kennaa jirras jedhan.

Barattoonni wantoota seeraan dhorkamanii fi hin eeyyamamne qabatanii kutaa qormaataa seenan qormaaticha irraa ari’amuus ibsaniiru.

Qormaatichi karaa naga qabeessa ta’een akka kennamuufis qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Qormaanni xumura kutaa 12ffaa Saayinsii Hawaasaa marsaa jalqabaa kun har’a irraa eegalee hanga Adoolessa 3/ 2017tti kan kennamuu dha.

Marsaa lammaffaan kan kennamu ammoo guutumaan guutuutti marsariitiin yoo ta’u, Adoolessa 4-8/ 2017tti akka kennamu ibsaniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment