Barnoonni idileen duraa humna namaa egeree cimsa- Waajjiricha

Finfinnee, Mudde 30, 2018 (FMC) – Barnoonni idileen duraa humna namaa egeree cimsa jedhe Waajjirri Ministira Muummee.

Daa’imman barnootaa fi jireenya isaaniin akka milkaa’aniif ogummaafi beekumsa isaan barbaachisu gonfachiisuun barnootaa waaraafi milkaa’ina dhuunfaaf bu’uura akka kaa’us eereera.

Barnoota idileen duraa qulqullina qabu waliin gahuuf, barsiisota leenjisuuf, naannawaa barnootaa nageenyummaan isaa eegameefi mijataa ta’e uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Kanaaf ammoo sadarkaa biyyaalessaatti manneen barnootaa oolmaa daa’immanii kumaatamni ijaaramaa jiraachuu eereera.

Barnoota idileen duraa kutaalee hawaasaa tajaajilicha hin arganne biraan gahuun walqixxummaa akka mirkaneessuufi guddina hawaasummaa kan saffisiisu ta’uu ibseera.

Kana malees humna namaa egeree kan cimsudha jedhe.

Itiyoophiyaan waggoottan jalqabaa daa’immanii irratti invast gochuun dhaloota ofitti amanuufi gahoome uumuun guddina hawaasummaafi diinagdee yeroo dheeraa saffisiisaa jiraachuu eereera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment