Barri 2018 bara qulqullina yaadaa, karooraafi irree gamtoome barbaadudha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 7, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad barri 2018 bara qulqullina yaadaa, karooraafi irree gamtoome barbaadudha jedhan.

Raawwii bara kanaan bu’aa diinagdee seenaa Itiyoophiyaa keessatti olaanaa ta’e galmaa’uu ibsaniiru.

Manni Maree Ministirootaa waltajjii gamaaggama karoora bara 2018 dameelee hundaafi karoora misooma biyyaalessaa gaggeessaa jira.

Dooktar Abiy Ahimad waltajjicharratti, Daldalli al-ergii kan bara darbeerra dacha ol ta’uufi gama galiinis bu’aa olaanaan argamuufi jajjabeeffamuu akka qabu kaasaniiru.

Qaala’iinsa gatii walakkaan hir’isuun danda’amuu, damee tajaajilaan Tajaajilli Guddugala Tokkoo Masoob hojii eegaluufi riifoormiin siiviil sarvisii dhaabbilee hedduu keessatti jijjiirama fidaa akka jiru ibsaniiru.

Dameewwan qonnaa, indaastirii tuurizimii, albuudaa, barnootaa, fayyaa fi ICT’nis bu’aa jajjabeessaan argameera jedhan.

Walumaagalatti bara kana raawwiin mootummaa kan Kanaan duraarra daran olaanaa ta’uufi kan jajjabeeffamu akka ta’e eeran.
Jalqabbiin kun bara 2018’tti irra deebi’amuu baannaan guutuu ta’uu akka hin dandeenyee himaniiru.

Bara itti aanutti yaadaafi karoora waloo qulqullina qabu akkasumas irree gamtoome akka barbaachisu dubbataniiru.

Karoora keenyarratti erga mari’anneen booda hirmaannaa damee dameen taasifamuun bu’aan bara kanaa akka bara darbee yoo milkaa’e carraan nuti Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti fidnu baay’ee bal’aa ta’a jechuun ibsaniiru.

Hidha Haaromsa Guddichaan, Piroojektoota daandiin, misooma kooriidariin, misooma kooridarii baadiyyaaniifi inisheetiiviiwwan garaagaraan bu’aawwan jajjabeessaan galmaa’uus eeraniiru.

Dhimmoonni kunneen hundi hoggansa cimaa kan gaafatan ta’uufi kaabineen karaa guutuu ta’een hubachuun hoggansa kennuu yoo danda’e bu’aa bara 2017’tti argame bara 2018’ttis galmeessuun akka danda’amu yaadachiisaniiru.

Waltajjiin har’aas yaada waloo qabachuuf qophaa’uu eeruun, ajandaaleen jiranis karoora bara itti aanuu ilaaluufi raggaasisuun hojiif qopheessuudha jedhan.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment