Barri Baajataa 2017 bara milkaa’inaati –Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Adoolessa 7, 2017 (FMC) –Barri Baajataa 2017 bara cichoominaa fi milkaa’inaati jedhan Pireezidaantii itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.

Paartiin Badhaadhinaa waltajjii gamaaggama waliigalaa magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti obbo Adam,paartichi qabeenya namaa fi meeshaan cimuun, odeeffannoo kara ammayyaan qindeessuu, badhaadhina diijitaalaa ifa taasisuufi fudhatamummaa seenessa waloo mirkaneessuuf hojiileen cichoominaan hojjetaman bu’aa qabeessa jedhan.

Paartii yaadamaan, ijaarsaa fi hojmaataan qindaa’e uumuuf hojiileen hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uu obbo Adam dubbataniiru.

Haaluma kanaan Yaa’ii 2ffaa fi hundeeffama waggaa 5ffaa Paartichaa kara qindaa’een milkeessuun danda’amuu himaniiru.

Guddinni diinagdee biyyaattii itti fufiinsa akka qabatuuf xiyyeeffannoon hojjetameera kanaanis bu’aan gaariin galmaa’eera jedhan.

Nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf ummata hirmaachisuun hojjetamuu himuun nageenya waareessuun danda’amuu ibsaniiru.

Hojiileen sosochii garaagaraa hojjetaman milkaa’oo ta’uu ibsuun, gargaaramtummarraa ba’uuf hojiileen hojjetaman biyyaattii gargaaramtummarraa baasuuf bu’uura ka’uu ibsaniiru.

Ummanni marii biyyaalessaarratti akka hirmaatuuf hojjetamuus eeruun, mariin biyyaalessaa hirmaachisaa ta’e akka itti fufuu taasifameera jedhan .

Fudhatamummaan seenessa waloo akka mirknaa’uuf hojjetamuu isaan milkaa’inoonni tokkummaa biyyaalessaa saffisiisan galmaa’uu himaniiru.

Bara baajatichaatti injifannoowwan galmaa’an itti fufsiisuufi hanqinoota mul’atan furuun badhaadhina hundagalessaa mirkaneessuuf ummata hirmaachisuun hojjechuun barbaachisaadha jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment