Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Beekaa osoo hin taane, beekamaatu biyya unkuraa jira jedhan Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Birgaader Jeneraal Hayiluu Gonfaan.
Qaamoleen kunneen warra beekumsaaf dursa kennuurra beekamuuf dursa kennaniidha jedhan.
Warri beekamtii barbaadan kunneen beekaan akka callisu qooda guddaa bahachaa jiraachuu eeran Birgaader Jeneraal Hayiluun.
Kanaaf dhaloota beekamaa hordofu osoo hin taane dhaloota beekaa hordofu horachuun murteessaa ta’uu dubbatan.
Dhiibbaa barootaaf Oromoorratti tuulame hiikuuf hojjechaa jirra kan jedhan Birgaader Jeneraal Hayiluun, rakkoo kana guutummaatti hiikuuf dhaloota itti guddisuu barbaada, waan yeroo tokkotti hiikamuu miti jechuun eeran.
Adeemsa bara baraan wal ajjeessuu fi waldiiguu keessaa bahuun siyaasa ammayyaa hordofuutu nu barbaachisa jedhan.
Sagaleen qawwee obbolaa gidduu bahee ummanni tasgabbii fi boqonnaa argachuu akka qabu hubachiisan.
Qabsaa’onni kaleessaa dhaloonni akka baratuuf wareegamaa turan, kan har’a ammoo dhaloonni akka hin baranne manneen barnootaa diigaa fi gubaa oolu jedhan.
Kun ummatta Oromoof waan hin malle waan ta’eef obbolaa gidduutti sagaleen qawwee callisuu akka qabu yaadachiisan.
Rakkoo jiru hunda marii fi marabbaan furuun murteessaa akka ta’e eeran.
Obbolaan rasaasa walitti dhukaasuun furmaanni argamu hin jiru jedhan.
Sabni Oromoo guddina isa madaaluu fi faayidaa isaaf malu akka hin arganne qaamoleen keessaa fi alaa hanqina jirutti fayyadamuun irratti hojjechaa jiraachuu eeran.
Warra biyya isaanitti waa’ee bilisummaa hin beeknetti waa’ee bilisummaa Oromoo lallabaa oola jedhan.
Oromoon saba iccitii eeggatu, ummata waltumsuu fi waliif dhiigu ta’uu qaba malee wal dhiiksuu fi iccitii ofii firfirsuu hin qabu jedhan.
Dargaggoonni hubannoon, beekumsaa fi tasgabbiin socho’uun dhaloota boruuf wabii ta’uu akka qabu dhaaman.
Dhaloota kaleessarraa baratu, kan abbaa caaluu fi har’a hojjetee kan boruuf galaa kaa’uu danda’u horachuun daran barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Beektonnis callisanii wanta’aa jiru ilaalurra gadi ba’anii beekamaa afaan qabsiisuun dhaloota kallattii sirriin qajeelchuuf akka hojjetan dhaaman Birgaader Jeneraala Hayiluu Gonfaan turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin taasisaniin.
Dhaloota seenaa himaa jiraatu osoo hin taane, dhaloota seenaa hojjetu, addunyaa si’anaa waliin tarkaanfatuu fi hiyyummaa keessaa bahuuf dhama’u horachuuf hojjechaa jirra jedhan.
Siifan Magarsaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.