Finfinnee, Ebla 30,2017 (FMC)- Beekumsawwan Xabboo hawaasaa galmeessuun eegamanii akka tursiifamaniif hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Qabeenya Kalaqa Sammuu Itiyoophiyaa ibseera.
Woorkishooppiin Beekumsa Xabboo fi Guddina Ikkoo-Turizimii beeksisuurratti xiyyeeffate Yuunivarsiitii Haramaayaatti taa’amaa jira.
Woorkishooppichi beekumsawwan Xabboo Hawaasaa fi Iddoowwan Ikkoo-Turizimii qorannoon adda baasuun beeksiisuu fi carraa hojii uumuuf aoolchuu dha jedhamee jira.
Beekumsa Xabboo hawaasaa adda baasuun faayidaa biyaaf oolchuun xiyyeeffannoon otoo hinargatin turuun ibsameera.
Beekumsawwaan Uummattoonni Itoophiyaa qaban beeksiisuun biyyattii addunyaatti beeksisuuf akka fayyadu Daayireekteerri Abbaa Taayitaa Qabeenya Kalaqa sammuu Itoophiyaa Obbo Walduu Yimassil sirnicha irratti dubbataniiru.
Beekumsawwan hin qaqqabamnee fi ijaan hin mul’anne kunneen seeraan galmeessanii beeksisuun barbaachisaadhas jedhan.
Bakkeewwan hawwata Turizimii biyyi keenya Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa( UNESCO) irratti galmaa’anii jiran beeksisuu fi eeguun irraa fayyadamurratti hanqinni jiraachuu kaasanii kana sirreessuufis hojiin qorannoo fi qo’annoon deggerame hojjetamaa jira jedhan.
Itti Aanaan Presidaantii Dhimmoota qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsiitii Haramaayyaa Dooktar Yisaaq Yusuuf gama isaaniin Yuuniivarsiitichi gama kanaan qorannoo fi qo’annoowwan adda addaa geggeessuun tumsaa jiraachuu himaniiru.
Qorannoowwan Beekumsa Xabboo hawaasaa irratti gaggeeffamaa turan 13 hayyoota Yuunivarsiiwwan garaagaraan Woorkishooppicharratti ni dhiyaatu jedhameera.
Woorkishooppii kanarratti hayyonni Yuunivarsiitiiwwanii, qondaaltoonni Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, kan Seekteroota adda addaa, akkasumas Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqees argamaniiru.
Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa