Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018 (FMC) – Tapha gulaallii Waancaa Addunyaan Beeniin yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaaf darbuuf falmiin har’a Naayijeeriyaa waliin taasiftu xiyyeeffannoo argateera.
Biyyi Xiqqoon Afrikaa Keeppi Verdeen waancaa addunyaa bara 2026’f darbuun seenaa galmeessuun ni yaadatrama.
Beeniin, Afrikaa Kibbaa fi Naayijeeriyaan ramaddicharraa darbuuf carraa qabu.
Beeniin har’a Naayijeeriyaa yoo injifatte Keeppi Verdeetti aanuun biyya seenaa hojjette taati.
Afrikaan Kibbaa Ruwaandaa injifattu illee qabxii Beeniin galmeessitu eeggachuuf dirqamti.
Beeniin qabxii 17, Afrikaan Kibbaa qabxii 15 fi Naayijeeriyaan qabxii 14 qabachuun tapha har’aa eeggataa jiru.
Har’a halkan sa’aatii 1:00 eegalee Beeniin – Naayijeeriyaa fi Afrikaan Kibbaa – Ruwaandaa waliin morkiin gaggeessaan ni eegama.
Biyyoonni Afrikaa Waancaa Addunyaa 2026’f kallattiin darban hundi har’a ni beekamu.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.