Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC) – Hara Xaanaa irratti tajaajila geejjibaa fi bashannanaa kennuuf gara biyyaa kan seente bidiruun maqaa ‘Xaanaa nash’ jedhamuun moggaafamte magaalaa Adaamaa geesseetti.
Bidiruun kun yoo magaalaa Adaamaa geessu jiraattonni magaalattii addabaabaayiitti ba’uun simataniiru.
Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa fi Tajaajilli Eleektirikaa Itiyoophiyaa bidiruu kana dabarsuuf haadawwan elektirikaa daandii irra turan kaasuu fi tajaajilawwan elektirikii addaan citan dafanii deebisuun tumsa guddaa kennaa jiru.
Bulchiinsi Magaalaa Adaamaas ibsaawwan tiraafikaa kaasuu dabalatee daandii bidirattiin irra darbiturratti tumsa guddaa kennaa jira.
Bidiruun geejjibaa ammayyaa “Xaanaa nash” 2ffaan meetira 38 kan dheerattu yoo ta’u, al tokkotti namoota 188 fe’uu akka dandeessu ragaan Geejibaa fi Loojistiksii Galaanaa irraa argame ni mul’isa.
Simannaa kana irratti Kantiibaa magaalattii Haayiuu Jaldee dabalatee hoggantoonni Geejibaa fi Loojistiksii Galaanaa argamaniiru.
Haayilamaariyaam Taganyitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.