Finfinnee, Adoolessa 28, 2017 (FMC)- Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisoota Kuma 54 oliif leenjii kennuufi.
Leenjichi Hagayya 2, 2017 irra eegalee barsiisoota kuma 54 oliif marsaa marsaan kan kennamu ta’uu Hogganaa Itti aanaan Biirichaa Dooktar Bultoosaa Hirkoo Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Leenjichi Barsiisoota Sadarkaa 1ffaa kutaa 3-5 barsiisaniif kan kennamu ta’uu Dooktar Bultoosaan ibsaniiru.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa muuxannoo biyya alaa fi keessaa argateetti fayyadamuun leenjicha qopheessuu dubbataniiru.
Leenjichi dandeettii dubbisuu, barreessuu fi Lakkoofsota qayyabachuu barattootaa guddisuuf kan kaayyeeffatedha jedhan.
Akkasumas Ogummaa mala ijoollee ittiin gahoomsuun danda’amurrattis ni kennama jedhan.
Haaluma kanaan Barsiisoota Afaan Oromoo fi Herrega barsiisaniif kan kennamu ta’uu kaasaniiru.
Barsiisoota gosa barnoota garaagaraa barsiisaniif karaa Vidiiyoon kan kennamu ta’uu dubbataniiru.
Kanaafis qophiin barbaachiisu xumuramuu Dooktar Bultoosaan eeraniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo. www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: Afaan Oromo
fanaTiktokhttps://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.